West-Central, Ethiopic Script

West-Central, Latin Script

East


Download
Akkamittan Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu danda'a?
Oromo.pdf
Adobe Acrobat Dokument 938.3 KB

West-Central

East



West-Central

East


 "Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: 'Qajeelaan tokkolleen hin jiru; namni tokkoyyuu'."   (Romans) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Roomaatti Erge 3:10

   "Sababii marti isaaniiyyuu cubbuu hojjataniif ulfinni Waaqayyoo isaani irraa hirdhateera"   (Romans) Gara Roomaatti 3:23

   "Gatiin cubbuu du'aatii; kennaan Waaqayyoo garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiitiin jireenna barabaraa ti."   Romans 6:23

   "Garuu otoo nu cubbamtoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee du'e; kunis jaalala Waaqayyo nuuf qabu agarsiisa."   Romans 5:8

   "Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii."   (John) Wangeela Yohaannisii 3:16

   "Nu yoo cubbuu keenna himanne, inni cubbuu keenna nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jallina mara irraas nu qulqulleessa."   (I John) Ergaa Yohaannis Erge - 1ffaa 1:9

   "Kunis yoo akka Yesuus Gooftaa ta'e afaan keetiin dhugaa baate, yoo akka Waaqayyo warra du'an keessaa isa kaase amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelumma argataatii; afaan isaatiinis dhugaa ba'ee fayya."   Romans 10:9-10

   "Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef.."   (John) Yohaannis 1:12

   "Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "karaa fi dhugaani, jireennis anuma; yoo anaan ta'e malee eennuyyuu gara Abbaa hin dhufu."   (John) Wangeela Yohaannisi 14:6

   "Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna."   John 5:21

   "Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqayyooti malee hujii ufii keessaniitii miti. Akka namni tokkoyyuu uf hin jajneefis kuni hujiinii miti."   (Ephesians; Efesoon) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Efesooniitti Erge 2:8-9

   "Ammas yaa obboleeyyani, waayee wangeela kan isinitti lallabee, kan isin fudhattanii ittiin cimtanii dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. ... Anis waan fudhadhe, kan waan hundumaa caalu dabarsee isinitti kenneeraatii; akka kitaabonni qulqulluun dubbatanitti, kiristoos cubbuu keennaaf jedhee du'e; ni awwaalames; akka kitaabonni qulqulluuni dubbatanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafame."   (I Corinthians; 1 Qorontoos) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Qorontoosiitti Erge 15:1,3-4

   "Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaa; waaqas walii kadhadhaa; kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjata."   (James; Yaaqoob) Ergaa Yaaqoobi 5:16

   "Yaa jaallani, waan jaalalli kan Waaqaa ta'eef koottaa waljaalannaa; namni jaalatu marti Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala ta'eef namni hin jaalanne cufti Waaqa hin beeku."   (I John) 1 Yohaannis 4:7-8

   "Kanaaf yaa michoota jaalatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beettaniif akka dogongora namoota seeraaf hin bulleetiin hin fudhatamnee fi akka jabaattanii dhaabachuu hindadhabneef uf-eegadhaa. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa; ammaa fi hanga barabaraatti ulfinni isaaf haa ta'u; aamiin."   (II Peter; 2 Pheexiroos) Ergaa Pheexiroosi - 2ffaa 3:17-18