West-Central, Ethiopic Script
West-Central, Latin Script
East
West-Central
East
West-Central
East
"Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: 'Qajeelaan tokkolleen hin jiru; namni tokkoyyuu'." (Romans) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Roomaatti Erge 3:10
"Sababii marti isaaniiyyuu cubbuu hojjataniif ulfinni Waaqayyoo isaani irraa hirdhateera" (Romans) Gara Roomaatti 3:23
"Gatiin cubbuu du'aatii; kennaan Waaqayyoo garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiitiin jireenna barabaraa ti." Romans 6:23
"Garuu otoo nu cubbamtoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee du'e; kunis jaalala Waaqayyo nuuf qabu agarsiisa." Romans 5:8
"Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii." (John) Wangeela Yohaannisii 3:16
"Nu yoo cubbuu keenna himanne, inni cubbuu keenna nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jallina mara irraas nu qulqulleessa." (I John) Ergaa Yohaannis Erge - 1ffaa 1:9
"Kunis yoo akka Yesuus Gooftaa ta'e afaan keetiin dhugaa baate, yoo akka Waaqayyo warra du'an keessaa isa kaase amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelumma argataatii; afaan isaatiinis dhugaa ba'ee fayya." Romans 10:9-10
"Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef.." (John) Yohaannis 1:12
"Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "karaa fi dhugaani, jireennis anuma; yoo anaan ta'e malee eennuyyuu gara Abbaa hin dhufu." (John) Wangeela Yohaannisi 14:6
"Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna." John 5:21
"Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqayyooti malee hujii ufii keessaniitii miti. Akka namni tokkoyyuu uf hin jajneefis kuni hujiinii miti." (Ephesians; Efesoon) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Efesooniitti Erge 2:8-9
"Ammas yaa obboleeyyani, waayee wangeela kan isinitti lallabee, kan isin fudhattanii ittiin cimtanii dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. ... Anis waan fudhadhe, kan waan hundumaa caalu dabarsee isinitti kenneeraatii; akka kitaabonni qulqulluun dubbatanitti, kiristoos cubbuu keennaaf jedhee du'e; ni awwaalames; akka kitaabonni qulqulluuni dubbatanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafame." (I Corinthians; 1 Qorontoos) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Qorontoosiitti Erge 15:1,3-4
"Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaa; waaqas walii kadhadhaa; kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjata." (James; Yaaqoob) Ergaa Yaaqoobi 5:16
"Yaa jaallani, waan jaalalli kan Waaqaa ta'eef koottaa waljaalannaa; namni jaalatu marti Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala ta'eef namni hin jaalanne cufti Waaqa hin beeku." (I John) 1 Yohaannis 4:7-8
"Kanaaf yaa michoota jaalatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beettaniif akka dogongora namoota seeraaf hin bulleetiin hin fudhatamnee fi akka jabaattanii dhaabachuu hindadhabneef uf-eegadhaa. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa; ammaa fi hanga barabaraatti ulfinni isaaf haa ta'u; aamiin." (II Peter; 2 Pheexiroos) Ergaa Pheexiroosi - 2ffaa 3:17-18
Diese Webseite wurde mit Jimdo erstellt! Jetzt kostenlos registrieren auf https://de.jimdo.com